Ityoophiyaan hariiroo Dippiloomaasii Ugaandaa waliin qabdu cimsuuf xiyyeeffannoon kan hojjettu ta’uu ibsite

Finfinnee, Hagayya 17, 2015 (FBC) – Ityoophiyaan hariiroo Dippiloomaasii Ugaandaa waliin qabdu cimsuuf xiyyeeffannoon kan hojjettu ta’uu Ugaandaatti Ambaasaaddarri Ityoophiyaa Itsagannat Bazzaabihi ibsaniiru.

Ambaasaaddar Itsagannat xaalayaa muudama isaanii Pireezidaantii Ugaandaa Yuuweerii Muuseeveeniif dhiyeessaniiru.

Dabalataan xaalayaa nageenyaa fi hawwii gaarii Pireezidaantii FDRI Saahilawarqi Zawdeerraa ergame Pireezidaanti Yuuweerii Muuseeveeniif laataniiru.

Hariiroon Dippiloomaasii Ityoophiyaan Ugaandaa waliin qabdu tarsiimawa ta’uu eeruun, biyyootai lamaan gidduu wafakkeenyi aadaa fi uumaa jiraachuu kaasaniiru.

Turtii biyyattiitti taasiisaniif hariiroo dippiloomaasii biyyoota lamaanii caalmaatti cimsuuf kan hojjetan ta’uu dubbataniiru.

#Oromiyaa #Ityoophiyaa

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbook:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

Comments (0)
Add Comment