Ityoophiyaan hariiroo damee hundaan Raashiyaa waliin qabdu caalmaatti cimsuuf murannoo qabdi – Ambaasaaddar Misgaanuu Argaa

Finfinnee, Eebla 17, 2015 (FBC) – Ministir Deetaan Ministeera Dhimma Alaa Ambaasaaddar Misgaanuu Argaan Itti Gaafatamaa Seekreetariyaatii fooramii tumsaa Raashiyaa – Afrikaa Ambaasaaddar Oleengi Ozeeroovi waliin mari’ataniiru.

Ambaasaaddar Misgaanuun Wayita Ityoophiyaan rakkoo keessa turtetti aantummaa Raashiyaan biyyattii fi uummata Ityoophiyaaf agarsiifte galateeffataniiru.

Ityoophiyaan hariiroo damee hundaan Raashiyaa waliin qabdu caalmaatti cimsuuf murannoo qabaachuu ibsa taasiisaniiru.

Ambaasaaddar Ozeeroovi gama isaaniin yaa’ii hoggantoota Raashiyaa – Afrikaa Baatii Hagayyaa keessa gaggeeffamuuf qophii jiru ilaalchisee Ambaasaaddar Misgaanuuf ibsa taasiisaniiru.

Raashiyaan qajeeltoo rakkoo Afrikaaf furmaata Afrikaa jedhu kan deeggartu ta’uus mirkaneessuu ragaan Ministeera Dhimma Alaarraa argame ni mul’isa.

#Oromiyaa #Ityoophiyaa

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbook:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

Comments (0)
Add Comment