Ityoophiyaan hariiroo Angoolaa waliin qabdu caalmaatti cimsuuf xiyyeeffannoon ni hojjetti – Obbo Dammaqaa Makonniin

Finfinnee, Adoolessa 25, 2014 (FBC) –Itti aanaan Muummee Ministiraa fi Ministirri Ministeera Dhimma Alaa Obbo Dammaqaa Makonniin Ministiraa Angoolaa Teetee Antooniiyoo waliin dhimmoota waloo fi naannawaarratti mari’ataniiru.
Ityoophiyaan hariiroo Angoolaa waliin qabdu caalmaatti cimsuuf xiyyeeffannoon ni hojjetti kan jedhan Obbo Dammaqaan, keessattuu damee diinagdeen hariiroo biyyoota lamaanii caalmaatti cimsuuf kan hojjetamu ta’uu eeraniiru.
Haala rakkisaa yeroo ammaa addunyaa muudataa jiru ce’uuf waloon hojjechuun murteessaa ta’uu himuu isaanii ragaan Ministeera Dhimma Alaarraa argame ni mul’isa.
Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;
Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR
Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa
Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.
Comments (0)
Add Comment