Finfinnee, Mudde 26, 2015 (FBC)- Muummeen Ministiraa FDRI sagantaa Ityoophiyaan haa oomshturratti hirmaadhaa jechuun waamicha dhiyeessan.
Muummeen Ministiraa Abiy Ahimad ergaa gama miidiyaa hawaasummaa isaaniin dabarsaniin, indaastiriiwwan injiinaringii sibiilotaa Ityoophiyaa keessatti babal’achaa jiraachuu ibsaniiru.
Finfinneerraa kiiloo meetiraa 30’rratti kan argamtu Magaalaa Galaanitti Kompileeksiin Injiinariingii Sibiilotaa BK jedhamu konkolaattota guguddaa, Awutoobisoota walitti hidhuu fi galteewwan indaastirii garaagaraa oomishaa jiraachuu kaasaniiru.
Sagantaa Ityoophiyaan haa oomishtuurraatti hirmaadhaa jechuun ergaa darbasaniiru.
Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;
Teelegraama https://t.me/afanoromofana
Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR
Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo
Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa
Feesbook:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/
Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.