Finfinnee, Waxabajjii 29, 2013 (FBC) – Ityoophiyaan dhimma Hidha Haaromsarratti giddugaltummaa Liigii Arabaa mormuun Mana Maree Nageenyaaf Xaalayaa barreessuu ibsame.
Ityoophiyaan dhimma Hidha Haaromsaarratti giddu galtummaa biyyoota miseensa Liigii Arabaa mormuun Mana Maree Nageenyaa Dhaabbata Mootummoota Gamtoomaniif Xaalayaa barreessiteerti.
Liigiin Arabaa Yaa’ii Waliigalaa Mana Maree Nageenyaa Dhaabbata Mootummoota Gamtoomaniif dhimma Hidha Haaromsaa gidduugaluun xaalayaa barreesse, Ityoophiyaan xaalayaa deebii Mana Maree Nageenyaaf barreessuu himameera.
Ejjennoo Ityoophiyaa, Sudaanii fi Gibtsi qabatan irratti Liigiin Arabaa gidduugaluun fudhatama kan hin qabne ta’uu Ityoophiyaan mana marichaaf xaalayaa barreessuu ishee ragaan Ministeera Dhimma Alaarraa argame ni muul’isa.
Fuula Feesbuukii keenyan dabalata odeeffannoo waqtaawaa argachuuf;
Teelegraama https://t.me/afanoromofana
Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo
Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa
Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.