Ityoophiyaan gara jeequmsaatti galti sodaan jedhu haala qabatamaa biyyatti hubachuu dhabuurraa kan maddedha-Dooktar Abiy

Finfinnee, Onkololeessa 30, 2013 (FBC)-Muummeen Ministiraa Dooktar Abiy Ahimad Ityoophiyaan gara jeequmsaatti galti sodaan jedhu haala qabatamaa biyyatti hubachuu dhabuurraa kan maddedha jechuun ibsan.

Dooktar Abiy Ahimad fuula Twiitara isaanitin akka ibsanitti, michuuwwan Ityoophiyaa haala biyyaatti keessaa jiruuf xiyyeeffannoon laataniif mootummaan kan itti gammadee ta’uu beeksisaniiru.

Haa ta’u malee Ityoophiyaan gara jeequmsaatti galti sodaan jedhu haala qabatamaa biyyatti hubachuu dhabuurraa kan madde ta’uu eeraniiru.

Hojiin olaantuumma seeraa kabachiisuun nageenyaa buusuuf yakkamtoota seeraatti dhiyeessuufis jedhaniiru.

Dooktar Abiy ergamni olaantuummaa seeraa kabachiisuu yeroo muurasa keessaatti akka xumuramuu ergaasaaniin ibsaniiru.

Odeeffannoo waqtaawaa argachuuf Teelegraama keenya https://t.me/afanoromofana subiskiraayib godhaa.

Karaa Yuutyuubii keenyan nu hordofuuf FBC Afaan Oromoo https://www.youtube.com/channel/UCsy_Mc1C45kRUVopA-NK10A subiskiraayib godhaa.

Karaa marsariitii (weebsaayitii) keenya fanabc.com/afaanoromoo nu hordofaa.

Filatamoo
Comments (0)
Add Comment