Ityoophiyaan galmoota misooma waaraa milkeessuuf xiyyeeffannoon hojjechaa jirti –Ministeera Maallaqaa

Finfinnee, Adoolessa 10, 2014 ( FBC)- Ityoophiyaan galmoota misooma waaraa milkeessuuf xiyyeeffannoon hojjechaa jiraachuu Ministeerri Maallaqaa ibse.

Ministir Deetaan Ministeera Maallaqaa Samaariitaa Sawaasaawu Walga’ii Koree Dhimmoota Diinagdee fi Hawaasummaa Dhaabbata Mootummoota Gamtoomanii 14ffaa irratti Ityoophiyaan galma ga’iinsa galmoota misoomaa waaraaf Ityoophiyaan xiyyeeffannoo addaa laattee hojjechaa jiraachuu eeraniiru.

Weerarri Vaayrasii koroonaa, qaala’iinsi gatii, dhamaatiin cancala dhiyeessiirra ga’u, dhiibbaan ji’oopolotikaa fi jijjiiramni qabeenya qilleensaa diinagdee fi hawaasummaa biyyattiirra dhiibbaa geessisuu ibsaniiru.

Ityoophiyaan fedhii misooma yeroo dheeraa milkeessuuf karoora waggoota 10 hojiirra oolchaa jiraachuu ibsuu isaanii ragaan Ministeera Maallaqaarraa argame ni mul’isa.

Ityoophiyaan misooma humna haaromsaarratti xiyyeeffannoo olaanaa kennuun hojiilee jajjabeessaa hojjechaa jiraachuu eeruun, miidhaa jijjiiramni qabeenya qilleensaa dhaqabsiisu hir’isuuf waggoottan arfan darbanitti sagantaa Ashaaraa Magariisaan biqiltuuwwan biiliyoonni 18 dhaabamuu kaasaniiru.

Ajandaalee 2030 keessatti dursi laatameefi dhimmoota diinagdee, hawaasummaa fi naannawaa galmoota misooma waaraa keessatti haammataman irratti Ityoophiyaan kutannoon hojjechaa jiraachuu addeessaniiru.

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbook:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

Comments (0)
Add Comment