Ityoophiyaan galma misooma Waaraa DhMG qabame milkeessaa jirti – Ambaasaaddar Misgaanuu Argaa

Finfinnee, Adoolessa 11, 2015 (FBC) – Ityoophiyaan galma misooma Waaraa Dhaabbata Mootummoota Gamtoomaniin qabame milkeessaa jiraachuu Ministir Deetaan Ministeera Dhimma Alaa Ambaasaaddar Misgaanuu Argaan ibsaniiru.

Ambaasaaddar Misgaanuun waltajjii olaanaa siyaasaa raawwii karoora galma misooma waaraa Dhaabbata Mootummoota Gamtoomanii Ameerikaa Niwuu Yorkitti gaggeeffamaa jirurratti guddina Ityoophiyaan galmeessaa jirtu ilaalchisee ibsa laataniiru.

Ityoophiyaan galma misooma Waaraa Dhaabbata Mootummoota Gamtoomaniin qabame milkeessuuf baajata biyyattii keessaa harka caalu galma misooma waaraa, imaammata nageenyarratti xiyyeeffatanii fi jijjiirama qabeenya qilleensaaf ramaduun xiyyeeffannoo addaan hojjetaa jiraachuu kaasaniiru.

Ambaasaaddar Misgaanuun waltajjicha cinaatti Daayrektara olaanaa Yuuniiseef Kaatiriin Raasil waliin dhimmoota waloorratti mari’ataniiru.

#Oromia #Ethiopia

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbook:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

Comments (0)
Add Comment