Ityoophiyaan Fooramii Fayyaa Diijitaalaa Idil Addunyaa irratti hirmaachaa jirti

Finfinnee, Sadaasa 29, 2013 (FBC) –Fooramiin Fayyaa Diijitaalaa Idil Addunyaa gaggeeffama jira.
Ityoophiyaan Fooramii Fayyaa Diijitaalaa Idil Addunyaa irratti hirmaachaa jirti.
Waltajichaan mata duree “ hundumaaf tajaajila fayyaa dijiitalaa waliin ga’uuf hawaasa fayyaa diijitaalaa ijaaruu fi furmaata tajaajila fayyaa ariifata lachuun eenyumtuu booddeetti akka hin hafne taasisuu” jedhuun gaggeeffamaa jira.
Fooramicharratti Ministirri Deettaan Innoveeshinii fi Teeknooloojii Dooktar Ahimadiin Mahaammad mootummaan Ityoophiyaa diijitaalaan sagantaa Ityoophiyaa keessatti tajaajila fayyaa diijitaala diriirsuuf qophii ta’uu himaniiru.
Sirna fayyaa ariifataa fi si’aytaa teeknooloojiin deeggarame diriirsuuf qophii ta’uus kaasaniiru.
Qajeelfamicha Ityoophiyaatti hojiirra oolchuuf haalota mijtaa fi hanqinoota jiran ibsaniiru.
Fuula Feesbuukii keenyan dabalata odeeffannoo waqtaawaa argachuuf;
Teelegraama keenya https://t.me/afanoromofana subiskiraayib godhaa.
Karaa Yuutyuubii keenyan nu hordofuuf FBC Afaan Oromoo subiskiraayib godhaa.
Karaa marsariitii (weebsaayitii) keenya fanabc.com/afaanoromoo nu hordofaaa.
Twiitara keenya https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa
Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.
Comments (0)
Add Comment