Ityoophiyaan Fooramii bulchiinsa Intarneetii 17ffaa ni qopheessiti

Finfinnee, Sadaasa 28, 2014 (FBC)- Ityoophiyaan Fooramii bulchiinsa Intarneetii 17ffaa bara 2015 gaggeeffamuu akka qopheessituu ibseetti.

Ministir deetaan Ministeera Innooveeshinii fi Teeknooloojii Huriyaa Alii itti aanaa barreesaa dhimmoota hawaasummaa fi diinagdee Dhaabbata Mootummoota Gamtoomanii Luu Zeenmeen waliin qophii fooramicharratti Poolaandiitti mari’ataniiru.

Luu Zeenmeen Afrikaatti hariiroon konfiraansii gadi aana ta’uu ibsuun, Ityoophiyaan yeroo itti aanuutti fooramiin qopheessituu rakkoo kana akka hambisuuf abdiin qaba jedhaniiru.

Aadde Huuriyaan gama isaaniin, Afrikaa fayyadamtuu teeknooloojii diijitaala taasisuuf rakkoowwan bu’uuraalee misoomaan wal qabatan furuuf tattaaffiin taasiftuu bifa kanaan yoo deeggarame bu’aa gaariin akka galmaa’uu ibsaniiru.

Yaa’iin bulchiinsa Intarneetii 16ffaa Poolaandiitti kan gaggeeffameera.

Yaa’icharratti qaamoleen dhimmi ilaallatu argamuun marii taasisuu ragaan Ministeera Innooveeshinii fi Teeknooloojiirra argamee ni muul’dhisa.

Addunyaarratti ummattoonni biiliyoona 3 ta’aan tajaajila teeleekoomii fi intarneetii kamiyyuua akka hin argannee ragaan ni muul’dhisa.

Naannoo keessan eegaa!

Gara adda waraanaatti duulaa!

Raayyaa Ittisa Biyyaa deeggaraa!

Fuula Feesbuukii keenyan dabalata odeeffannoo waqtaawaa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii https://www.youtube.com/c/fanabroadcastingcorporate/

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

Comments (0)
Add Comment