Ityoophiyaan fayyadamummaa AGOA itti fuftuuf Imbaasiin Ameerikaa deeggarsa akka taasisu gaafatame

Finfinnee, Onkololeessa 17, 2014 (FBC) – Ityoophiyaan fayyadamummaa AGOA( African Groth and opportunity Act) akka itti fuftuuf Imbaasiin Ameerikaa deeggarsa akka taasisu gaafatamuu ibsame.

Komishinarri Komishinii Invastimantii aadde Lalisee Namee ogeessa olaantuu daldalaa Imbaasii Ameerikaa Yaasuu’ii Paay  waliin mari’ataniiru.

Marichaan Ityoophiyaan fayyadamummaa AGOA akka itti fuftuuf Imbaasiin Ameerikaa Komishinii invastimentii Ityoophiyaa waliin hojjechuun  deeggarsa akka taasisu Komishinar Laliseen gaafataniiru.

Dabalataanis AGOAn faayidaa olaanaa invastimantii Ityoophiyaa fi qaamolee damecharratti bobba’aniif qabu ibsuu isaanii ragaan Komishinicharraa argame ni muul’isa.

Fuula Feesbuukii keenyan dabalata odeeffannoo waqtaawaa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii https://www.youtube.com/c/fanabroadcastingcorporate/

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

Comments (0)
Add Comment