Finfinnee, Amajjii 8, 2015 (FBC)- Muummeen Ministraa Abiy Ahimad Ityoophiyaan Emereetota Araba Gamtoomanii waliin walta’iinsi gama maraan qabdu cimee akka itti fufu ibsan.
Biyyoonni lameen dameewwan daldalaa fi invastimantiin hariiroo gama qaban cimsuuf tumsa tarsiimawaa kaayyeffate hundeessuu isaanii dubbataniiru.
Ityoophiyaan abbootii qabeenyaa misoomsitoota hojii invastimantiirratti bobba’uu barbaadaniif qabeenya umamaa hintuqamne akka qabdu Muummeen Ministiraa Abiy Ahimad kaasaniiru.
Emereetonni Araba Gamtoomanii dhaabbilee idil addunyaa cimoo fi itti gaafatamaa qaban gama ijaaruutiin milkaa’inni galmeesite Ityoophiyaa akka kakaasu eeraniiru.
Irree invastimnatii tarsiimawaa Ityoophiyaa kan ta’e “Holdiingii Invastimantii Ityoophiyaa”, dhaabbilee Emereetota Araba Gamtoomanii waliin walitti dhiyeenyaan hojjechaa jirachuu ibsaniiru.
Dhaabbilee kanneen waliinis humna haareffamaa, ijaarsaa manneen jireenyaa akkasumas damee qonnaan walta’iinsaan hojjechaa jiraachuu hubachiisaniiru.
Muummeen Ministiraa Abiy Ahimad, qindoominni Ityoophiyaa fi Emereetota Araba Gamtoomanii hariiroon fayyadamummaa waloo biyyoota guddatanii fi guddachaa jiranii maal fakkaachuu akka qabu kan argisiisuudha jedhaniiru.
Biyyoota lameen gidduutti kan mirkanaa’e fedhii walamantaa, walkabajaa fi waloon guddachuu firii horataa jira; tumsi kunis akka itti fufuu fi bal’atu hinshakku” jechuun Muummeen Ministiraa Abiy abdii qaban ibsaniiru.
Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;
Teelegraama https://t.me/afanoromofana
Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR
Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo
Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa
Feesbook:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/
Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.