Finfinnee, Adoolessa 24, 2015 (FBC) – Yaa’ii Raashiyaa – Afrikaa 2ffaan Ityoophiyaan dippiloomaasii waloo fi gamhedduun hojiilee bu’aa qabeessa raawwachuu Ministir Deetaan Tajaajila Kominikeeshinii Salamaawwiit Kaasan ibsaniiru.
Muummeen Ministiraa FDRI Dooktar Abiy Ahimadii fi Pireezidaantiin Raashiyaa Vilaadmiir Putiin hariiroo Dippiloomaasii, Aadaa, Siyaasaa fi Diinagdee biyyoota lamaanii caalmaatti cimsuuf murannoo agarsiisuu eeraniiru.
Ityoophiyaan yaa’icharratti bu’aa qabatamaa hojiilee misoomaa galmeessaa jirtu beeksiisuu kaasaniiru.
Jilli Muummee Ministiraa FDRI Dooktar Abiy Ahimadiin durfamu Pireezidaantii Raashiyaa Vilaadmiir Putiin waliin marii bu’aa qabeessaa fi waliigalteewwan gara hojiitti hiikkaman mallatteessuu isaanii Salamaawwiit Kaasan ibsaniiru.
Hariiroo waloo biyyoota lamaanii waggoota 125 lakkoofsise dhimmoota caalmaatti cimsanirratti mariin taasiifamuu dubbataniiru.
Bu’aalee Ityoophiyaan waggoottan darban damee misoomaan galmeessite Pireezidaanti Putiin dinqisiifachuu himaniiru.
Tattaaffii Ityoophiyaan midhaan nyaataan of danda’uuf taasiiftu Raashiyaan galteewwan Teeknooloojii fi Misooma Invastimantiin tumsuuf fedhii qabaachuu Pireezidaanti Putiin mirkaneessuu himuu TOI gabaaseera.
#Oromiyaa #Ityoophiyaa
Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;
Teelegraama https://t.me/afanoromofana
Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR
Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo
Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa
Feesbook:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/
Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.