Ityoophiyaan diinagdee biyya keessarratti xiyyeeffachuu hojjechaa jiraachuu ibsame

Finfinnee, Eebla 4, 2015 (FBC) – Ityoophiyaan diinagdee biyya keessarratti xiyyeeffachuu hojjechaa jiraachuu Ministirri Ministeera Maallaqaa Obbo Ahimad Shiideen beeksisan.

Obbo Ahimad Shiideen waltajjii marii diinagdee idil addunyaa mata duree’ Idaa keessaa ba’uun, guddina galmeessuu’ jedhuun Ameerikaatti gaggeeffameerratti hirmaataniiru.

Baankiiin Addunyaa, dhaabbileen maallaqaa idil addunyaa, dhaabbileen Faayinaansii dhuunfaa fi dhaabbileen maallaqaa biroo hanqina dhiyeessii Sharafaa Ityoophiyaa mudate furuuf tattaaffii taasiifamu akka tumsan gaafataniiru.

Jilli Obbo Ahimad Shiideen durfamu waltajjicha cinaatti hoggantoota dhaabbilee Faayinaansii, Baankii Addunyaa fi Fandii Maallaqa Addunyaa waliin marii taasiisuun kan yaadatamuudha.

#Oromiyaa #Ityoophiyaa

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbook:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

Comments (0)
Add Comment