Ityoophiyaan dhimma keessoo ishee ofi hogganuu fi sirna seeraa mirkaneessuuf biyyaa mirga qabdudha-Paartii Kumiiyuuniist Chaayinaa  

Finfinnee, Muddee 14, 2013 (FBC)-Hoggantoonni paartii lamaanii dhimma hariiroo paartii cimsuun itti fufusiisuun danda’amurratti viidiyoo konfiraansiin mari’ataniiru.

Waajjira olaanaa Badhaadhinatti Hogganaan Damee Idil Addunyaa fi Qunnamtii Hawaasaa Dooktar Biqilaa Hurrisaa, paartiin Kumiiyuuniist Chaayinaa  partii muuxannoo milkii hedduu qabu akka ta’ee ibsun, paartiin badhaadhiinaa reefoormii eegalaamee cimsuufi bu’a qabeessaa taasisuuf paartii Chaayinaarraa muuxaannoo fudhachuu akka barbaaduu ibsaniiru.

Ityoophiyaan hojii olaantummaa seeraa kabachiisuu irraa akka turtee fi hojiin olaantummaa seeraa kabachisuu xumuramuu Dooktar Hurrisaan paartichaaf ibsaniiru.

Uummattoonni naannoo Tigraay gara sochii idileetti deebi’aa kan jiran yoo ta’uu, biyyattitti filannoo bara 2013 gaggeessuuf paartiin badhaadhiinaa qophii taasisaa jiraachuu ibsaniiru.

Maricharratti Chaayinaatti ambaasaaddarri Ityoophiyaa Tashoomaa Toogaa argamuun hariiroo baroota dheeraa Ityoophiyaa fi Chaayinaarratti ibsa laataniiru.

Paartii Kumiiyuuniist Chaayinaa  bakka bu’uun maricharratti kan argaman daayreektarri waliigalaa dhimmoota Afrikaa Waang Yiimiing, hariiroon Paartii Badhaadhinaa fi Paartii Kumiiyuuniist Chaayinaa cimee akka itti fufuuf fedhii partiilee kanneenii ta’uu himaniiru.

Fuula Feesbuukii keenyan dabalata odeeffannoo waqtaawaa argachuuf;
Teelegraama keenya https://t.me/afanoromofana subiskiraayib godhaa.
Karaa Yuutyuubii keenyan nu hordofuuf FBC Afaan Oromoo https://www.youtube.com/c/fanabroadcastingcorporate/ subiskiraayib godhaa.
Karaa marsariitii (weebsaayitii) keenya fanabc.com/afaanoromoo nu hordofaaa.
Twiitara keenya https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa
Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna

 

Comments (0)
Add Comment