Finfinnee, Caamsaa 10, 2013 (FBC) – Ityoophiyaan dhimma birmadummaa fi bilisummaa isheerratti qaama kamuu waliin mariif kan hin dhiyaanne ta’uu hubatamuu akka qabu Muummeen Ministiraa FDRI Dookta Abiy Ahimad ibsaniiru.
Dooktar Abiy torbee Ityoophiyaa har’aa eegalee hanga Caamsaa 16, 2013tti kabajamu addaabaabay michummaatti ifatti eegalchiisaniiru.
Ityoophiyaan dhimma birmadummaa fi bilisummaa isheerratti qaama kamuu waliin mariif kan hin dhiyaanne biyya guddoo ta’uu hubatamuu akka qabu Muummeen Ministiraa FDRI Dookta Abiy Ahimad ibsaniiru
Ityoophiyaan qabeenya uumamaan kan badhaatee fi eenyummaa sabdaneessaan iftee muul’attu biyya fakkeenya bilisummaa ummata gurraachaati jedhan.
Biyya seenaa guddaa fi ibsituu eenyummaa sabdaneessaa ta’uu ishee qaamni hundi beekuu fi hubachuu akka qabu eeraniiru.
Qaabeenya kuufamaa waloon misoomsuu fi guddisuun qaamni hundi badhaadhina waloof hojjechuu qaba jedhan
Feesbuukii keenyan dabalata odeeffannoo waqtaawaa argachuuf;https://www.facebook.com/fanabroadcasting
Teelegraama https://t.me/afanoromofana
Yuutyuubii https://www.youtube.com/c/fanabroadcastingcorporate/
Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo
Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa
Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.