Ityoophiyaan dhiibbaa muudate dandamachuun biyya guddina bu’aa qabeessa galmeessiteedha – Dooktar Abiy

Finfinnee, Bitootessa 14, 2013 (FBC) – Muummeen Ministiraa FDRI Dooktar Abiy Ahimad gaaffii miseensoota mana maree bakka bu’oota uummataaraa ka’eef deebii laataniiru.

Weerarri Covid – 19, Hoomaan awwaannisaa, walitti bu’iinsi irra deddeebiin  waggoottan sadan darban keessaa muudateen karoora raawwachuuf karoorfame bifa guutuun akka hin raawwatamne gufuu ta’anis bu’aan gaariin argamuu danda’eera jedhan Dooktar Abiy Ahimad.

Proojeektoota eegalaman xummursiisuuf tattaaffii cimaa taasiifameen raawwiin jajjabeessaan argamuu ibsaniiru.

Ityoophiyaan dhiibbaa muudate dandamachuun biyyoota addunyaa kamiiyyuu caalaa guddina bu’aa qabeessa galmeessuu dandeesseerti jedhan.

Baatiwwan jahaan darbanitti  al ergiin % 21 guddachuu danda’eera jedhan.

Baatiwwan jahaan darbanitti  galiin Birriin biiliyoonni dhibbi 1 fi biiliyoonni 91 argameera jedhan.

Rakkoo daandiiwwanii furuun qonnaan bulaa oomishaasa akka gabaaf dhiyeessuu haalli mijateera jedhan.

Hojiin gamaa fayyaatin hojjetamees fooyya’aa ta’uu kaasaniru.

Barnootarratti rakkoon qulqulliinaa jiraatuus fooyya’insa barnootaarratti bu’aa gaariin argamuu ibsaniiru.

Mana barnoota sadarkaa 2ffaa ijaarufis karoorri qabamuu himaniiru.

Dhiibbaa liqaa biyyaa alaa hir’suuf hojiiwwan gurguddoo hojjetamaniiru jedhan.

Hojii hojjatameen liqaa biyyaa alaa Ityoophiyaa bara 2010 %36.6 turee bara 2011 gara % 29 fi bara 2012 gara %26.8 gadi bu’eera.

Waggoota sadan dhufanitti Ityoophiyaa biyyoota liqaa olaanoorra gara biyyoota gidduugaleessaatti fiduuf karoora misoomaa waggaa 10 haammatamuu himaniiru.

Jijjiirraa Birriin walqabatee lammiileen miiliyoonnii 6.2 herregaa baankii banataniiru jedhan.

Jijjiirra noottii haaraatin aadaa qusannaa qonnaan bultootaa dabaleera jedhan.

Rakkoon nageenyaa yeroo adda addaatti muudatu mootummaan rakkoo qaala’iinsa jireenyaa furuuf humna guutuun akka hin hojjenne gufuu olaanaa ta’uu kaasaniiru.

Dhaabbilee misoomaa mootummaa keessaa rakkoolee olaanaatu ture jedhan.

Dhaabbilee kanneen irra deebiin gurmeessuuf hojiin riifoormii xiyyeeffaannoo fi of eeggannoo olaanaan hojjetamaa turuu ibsaniiru.

Karoora Guddinaa waggaa 10 keessatti guddina sadarkaa maatii mirkaneessuuf karoora bifa saayinsaawwan karoorfame milkeessuuf xiyyeeffannoon ni hojjetam jedhan.

Qindoominaa fi waldhaggeeffachuun yoo hojjenne waggoota kurnan dhufu keessatti Ityoophiyaa biyya guddinaan fakkeenya taate uumuu ni dandeenya jedhan.

Lafa heektaara miiliyoona 1 ol kilaasteeraan misoomsuun danda’ameera.

Yeroo jalqabaaf kompaayinara xaafii facaasuuf sassaabu ammayyaa’a ta’e galchuun danda’ameera.

Dhiyeessii Teeknooloojii qonnaa fi callaa guddiftuu caalmaatti guddisuuf kan hojjetamu ta’uu kaasaniiru.

Warshaaleen rakkoolee qaban furuun oomisha isaanii dachaan akka dabalan taasiisuuf kan hojjetamu ta’uus eeraniiru.

Gama Albuudaan jijjiirrama taasiifameen bu’aa jajjabeessan argameera.

Fuula Feesbuukii keenyan dabalata odeeffannoo waqtaawaa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofanaYuutyuubii

https://www.youtube.com/c/fanabroadcastingcorporate/

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

Filatamoo
Comments (0)
Add Comment