Ityoophiyaan dhiibbaa diinagdee ce’uu kan dandeesse galmootaa misoomaa waaraa ta’e hordofuuni- Dooktar Liyaa Taaddasaa

Finfinnee, Eebila 18, 2014 (FBC) – Ityoophiyaan dhiibbaa diinagdee ce’uu kan dandeesse galmootaa misoomaa hirmaachisaa fi waaraa ta’e hordofuun ta’uu Ministirri Minsteera Fayyaa  Dooktar Liyaa Taaddasaa ibsaniiru.

Galmoonni misoomaa waaraan milkaa’uu kan danda’anii fi biyyoonni dhiibbaa diinagdeerraa dandamachuu kan danda’an qajeeltoowwan hirmaachisoo fi waaraa ta’an yoo hoedofan ta’uu Dooktar Liyaan eeraniiru.

Dooktar Liyaan fooramii Dhaabbata Mootummoota Gamtoomaniitti Manni Maree Diinagdee fi Hawaasummaa galmoota misoomaa maallaqaan deeggaruuf qopheesserratti hirmaataniiru.

Fooramichaan muuxannoo Ityoophiyaa kaasuu ergaa gama miidiyaa hawaasummaa isaaniin dabarsaniin eeraniiru.

Ityoophiyaan weerara vaayrasii koroonaa, dhiibbaa diinagdee sababa walitti bu’iinsaa uumame, dhiibbaa hongee fi kanneen biroo dandamachuu kan dandeesse qajeeltoo galma misoomaa lammii hunda hirmaachise hordofuun ta’uu kaasaniiru.

Deeggarsa hawaasa idil addunyaa barbaaduun cinatti karoora biyyaalessaa gaggeessuunii fi  deeggarsa biyyoota biroo irraa argame  diinagdee biyya keessaa deeggaruuf haalaan itti fayyadamuun tooftaawwan Ityoophiyaan galma misoomaashee ittiin milkeessuuf fayyadamte ta’uu Dooktar Liyaan eeraniiru.

Ityoophiyaa :- Haa Misoomsinu, Haa Ijaarru, Haa qophoofnu!!!

Fuula Feesbuukii keenyaan odeeffannoo waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

Comments (0)
Add Comment