Finfinnee, Amajjii 26, 2014 (FBC) – Ityoophiyaan dhiibbaa biyyoota tokko tokkorraa itti aggaamamee turerra darbuu kan dandeesse deeggarsa Afrikaanotaani jedhan Ittaanaan Muummee Ministiraa fi Ministirri Ministeera Dhimma Alaa Obbo Dammaqaa Makonnin.
Obbo Dammaqaa Makonnin hirmaattota yaa’ii Gamtaa Afrikaa 40ffaa guyyaa kaleessaa eegaleef kaleessa galgala affeerraa irbaataa taasisaniiru.
Ityoophiyaan dhiibbaa hawaasa idil addunyaa fi biyyoota tokko tokkorraa itti aggaamamee ture jalaa bahuu kan dandeesse deeggarsa Afrikaanotaan ta’uu sirnicharratti dubbataniiru.
Sosochiin farra Ityoophiyaa dhaabbilee idil addunyaa tokko tokko fi biyyoota tokko tokkon gaggeeffamaa toru kan injifatame deeggarsa obbolummaa Afrikaanotaan ta’uu eeraniiru.
Dhimma Ityoophiyaarratti waamamee kan ture yaa’iin Jeeneevaa dhimma kanaaf agarsiistuu tokko ta’uu kaasaniiru.
Yaa’iin addaa Jeeneevaa deeggarsa biyya Afrikaa tokkoollee argatee akka hin turre fi Afrikaanonni Ityoophiyaa cinaa dhaabbachuu isaanii kan agarsiise ta’uu yaadachiisaniiru.
Ityoophiyaanonni sagalee isaaniin mootummaa isaanii filachuu fi mootummaan uummataan filatame haala kanaan duraarraa adda ta’een kaabinee isaa keessatti paartilee morkattootaa haammachuu eeraniiru.
sirna diimokiraasii mirkaneessuuf tarkaanfiiwwan garaagaraa fudhachaa jiraachuu fi yeroo dhiyootti namoota siyaasaa mana hidhaatii gadi lakkisuu yaadachiisaniiru.
Rakkoo keessa taateellee Ityoophiyaan misooma diinagdee fi hawaasummaa uummatashee mirkaneessuuf tattaafachaa jiraaachuu fi dhimma hidha haaromsa guddichaa akka fakkeenyaatti kaasaniiru.
Dhimmoota idil addunyaa jijijjiiramoo keessatti Afrikaan bakka ishee barbaachisu akka argattuuf baayyee hojjechuu akka barbaachisuu fi milkaa’ina kanaaf Ityoophiyaan kutannoon kan hojjettu ta’uu mirkaneessaniiru.
Afrikaan gamtoomtee fi badhaate akka dhugoomuuf biyyoonni miseensa gamtichaa hundi akka wal deeggaran waamicha dhiyeessaniiru.
Ityoophiyaa :- Haa Misoomsinu, Haa Ijaarru, Haa qophoofnu!!!
Fuula Feesbuukii keenyan dabalata odeeffannoo waqtaawaa argachuuf;
Teelegraama https://t.me/afanoromofana
Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR
Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo
Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa
Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.