Finfinnee, Muddee 8, 2014 (FBC) – Ityoophiyaan dhiibbaa birmadummaa isheerratti taasifamu kamiinuu kan hin fudhanne ta’uu Jeeneevaatti ergamaan addaa Ityoophiyaa Ambaasaaddar Zannabaa Kabbadaa ibsan.
Ambaasaaddar Zannabaan walga’ii manni maree DhMG Ityoophiyaarratti waamerratti gama intarneetaan hirmaataniiru.
Haasaa walga’icharratti taasisaniin sochii birmadummaa Ityoophiyaarratti uumuuf taasifamu kamiinuu Ityoophiyaan kan hin deeggarree fi hin fudhanne ta’uu ibsaniiru.
Manni marichaa fedhii siyaasaa dhokataa biyyoota lixaa hojiirra oolchuuf kan hojjetu ta’uu kaasaniiru.
Ityoophiyaan sochii nagaa keessooshee fi carraa egeree uummatashee eeguuf taasisturratti dhiibbaa uumuuf gama mana marichaan yaaliin taasifamuu ibsaniiru.
Naannoo keessan eegaa!
Gara adda waraanaatti duulaa!
Raayyaa Ittisa Biyyaa deeggaraa!
Fuula Feesbuukii keenyan dabalata odeeffannoo waqtaawaa argachuuf;
Teelegraama https://t.me/afanoromofana
Yuutyuubii https://www.youtube.com/c/fanabroadcastingcorporate/
Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo
Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa
Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna