Finfinnee, Sadaasa 16, 2014 (FBC)- Ityoophiyaan dhiibbaa alaa yeroo ammaa irra ga’aa jiru injifattee ba’uun Afrikaafis Injifannoo ta’uu Preezdaantiin Akkaadaamii Hoggansa Afrikaa Dooktar Mihirat Dabbabaan ibsan.
Ityoophiyaan yeroo seena qabeessarra jiraachuu fi Afrikaanonni Ityoophiyaa cina dhaabbachaa jiraachuu ibsaniiru.
Waraana fi dhiibbaa alaa yeroo ammaa Ityoophiyaarratti baname injifannoon goolabuun ala filannoon bira kan hin jirre ta’uu eeraniiru.
Dhaloonni ammaas akkuma kaleessaa waraana kana injifachuun seenaa haaraa galmeessuu akka qabu kaasaniiru.
Ityoophiyaa biyya guddoo ni taasifna jedhamee yeroo ka’ametti biyyoonni lixaa biyya guddoo akka hin taaneef nurratti ka’aniiru jedhan.
Fedhii isaanii kana milkeessuuf garee shororkeessaa ABUT akka meeshaatti fayyadamaa jiraachuu ibsaniiru.
Waraana Ityoophiyaarratti gaggeeffamaa jiru qolachuuf hundi ambaasaaddara biyya isaa ta’uutu irraa eeggama jedhan Dooktar Mihirat.
Biyyattiin rakkoo seente keessaa akka baatuuf waraanicha salphisanii ilaaluu dhiisuun hundi qooda isaa ba’achuu qaba jedhaniiru.
Hundi dhaloota dhufuuf yaaduun kutannoon ka’uun barbaachisaa ta’uu ibsaniiru.
Maddi:- DhPI
Naannoo keessan eegaa!
Gara adda waraanaatti duulaa!
Raayyaa Ittisa Biyyaa deeggaraa!
Fuula Feesbuukii keenyan dabalata odeeffannoo waqtaawaa argachuuf;
Teelegraama https://t.me/afanoromofana
Yuutyuubii https://www.youtube.com/c/fanabroadcastingcorporate/
Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo
Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa
Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.