Ityoophiyaan dandeettii oomishtummaa ishee guddisuu fi filannoowwan gabaa idil addunyaa bal’isuu qabdi jedhame

Finfinnee, Muddee 10, 2014 (FBC) – Ityoophiyaan dandeettii oomishtummaa ishee guddisuu fi filannoowwan gabaa idil addunyaa bal’isuu akka  qabdu hayyoonni diinagdee ibsan.

Dhiibbaa biyyoota lixaa tokko tokkoon diinagdee Ityoophiyaarratti taasifame dandamachuuf oomishaalee alaa galan kan biyya keessaan bakka buusuuf xiyyeeffannoon hojjetamuu akka qabu hayyoonni kunneen eeraniiru.

Sharafa alaa olaanaa oomishaalee alaa galan bituuf oolu hir’isuuf oomishaalee alaa galan kan biyya keessaan bakka buusuun barbaachisaa ta’uu kaasaniiru.

Oomishaalee alaa galan kan biyya keessaan bakka buusuun biyyattiin diinagdeen akka of dandeessuuf qooda olaanaa kan qabaatu ta’uu himaniiru.

Ityoophiyanonni oomishaalee biyya keessaatti fayyadamuu aadeffachuu akka qaban ibsaniiru.

Biyyoonni guddatan diinagdeen guddachuu kan danda’an dandeettii oomishtummaa biyya keessaa guddisuu isaaniin ta’uu ogeessi diinagdee obbo Darajjee  Dajanee ibsaniiru.

Yuunvarsiitii Siiviil Sarvisii Ityoophiyaatti barsiisaan Ikonoomiksii Dooktar Kaasaa Tashaagar gamasaaniin, hawaasni oomishaalee biyya keessatti oomishaman akka fayyadamu taasisuurratti hojjetamuu akka qabu kaasaniiru.

Ilaalchi hawaasni oomishaalee biyya keessaaf qabu fooyya’uu fi jijjiiramuu akka qabu himaniiru.

Oomishaalee alaa galan biyya keessatti akka oomishamaniif jajjabeessuun barbaachisaa ta’uu Yuunvarsiitii Siiviil Sarvisii Ityoophiyaatti barsiisaa Ikonoomiksii kan ta’an obbo Maziid Naasir kaasaniiru.

Oomishaalee alatti ergaman guddisuun filannoowwan gabaa Awurooppaa, Eeshiyaa fi Afrikaa bal’isuun  barbaachisaa ta’uu hayyoonni kunneen ibsaniiru.

Naannoo keessan eegaa!

Gara adda waraanaatti duulaa!

Raayyaa Ittisa Biyyaa deeggaraa!

Fuula Feesbuukii keenyan dabalata odeeffannoo waqtaawaa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii https://www.youtube.com/c/fanabroadcastingcorporate/

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

Comments (0)
Add Comment