Ityoophiyaan damee siiviil aaviyeeshiniitin raawwii gaarii galmeessisteetti jedhame

Finfinnee, Amajjii 19, 2012 (FBC) – Ityoophiyaan damee siiviil aaviyeeshiniitin raawwii gaarii galmeessisteetti jedhame.

Jilli Dhaabbata Siiviil Aaviyeeshinii Addunyaa torbee tokkoof raawwii Abbaa Taayitaa Siiviil Aaviyeeshinii Ityoophiyaa gamaaggameera.

Raawwii hojichaa har’a wayita dhiyeessettis Ityoophiyaan damichaan sadarkaa gaarirra jiraachuu ibseera.

Gorsaan jilichaa Usmaan Keemoo Maajaang raawwiin abbaa taayitichaa bara 2019 %73.2 irraa 91.78tti ol guddateera.

Gabaasni gamaaggamichaa yammuu dhiyaatutti hoggansi Daandii Qilleensaa Ityoophiyaa, ooppireetaroonni dhuunfaa, hoggansi abbaa taayitichaa argamaniiru.

Filatamoo
Comments (0)
Add Comment