Ityoophiyaan dabarsuu liqaa ilaalchisee murtoo koreen biyyoota liqeessitootaa dabarse dinqisiifatte

Finfinnee, Hagayya 18, 2014 (FBC) – Ityoophiyaan dabarsuu liqaa biyyattii ilaalchisee murtoo koreen biyyoota liqeessitootaa dabarse haala gaariin kan ilaalu ta’uu Ministeerri Maallaqaa ibse.

Ministeerichi dhimmacha irratti ibsa baaseen, koreen biyyoota liqeessitootaa dhiibbaa liqaa salphisuuf dabarsuu liqaa ilaalchisee marii taasisuu beeksiseera.

Mootummaan gaaffii kaffaltii idea erga ifoomseen booda koreen liqeessitootaa yeroo afur walgahii taasisuun Ityoophiyaa tarsiimoo dhiibbaa liqaa waaraan to’achuu ishee dandeessisu dhiyeessuu eerameera.

Bu’uura tarsiimoo Ityoophiyaa dhiibbaa liqaa sadarkaa olaanaarraa gara giddugaleessaatti salphisuuf qopheessiteen wabii faayinaansii kennuuf tattaaffii korichi taasisuuf mootummaan dinqisiifachuu kaafameera.

Fandiin Maallaqaa Idil Addunyaa guddina diinagdee biyyattii deeggaruuf sagantaalee garaagaraa bocuun hirmaannaa taasissuuf mootummaan galateeffachuu ragaan ministeericharraa argame ni mul’isa.

Koreen biyyoota liqeessitootaa Ityoophiyaan adeemsa yeroo dheeraan dhiibbaan osoo itti hin hammaatiin dirqama liqaa irraa eegamu kaffaluu akka dandeessuuf tattaaffii taasifamuuf mootummaan kan dinqisiifatu ta’uu eerameera.

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbook:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

Comments (0)
Add Comment