Ityoophiyaan bu’aa qorannootin weera ittisuuf tumsa idil addunyaatti makamte

Finfinnee, Gurraandhala 2, 2012 (FBC) -Ityoophiyaan bu’aa qorannootin weera ittisuuf tumsa idil addunyaatti makamte.

Qindoominichi weeraroota ka’an ittisuuf bu’aawwan qorannoo haaraa fayyadamuun talaallii uumuu, oomishuu fi lammiiledhaaf faayidaarra akka oolu danda’an dandeetti uumuun kaayyeffatee kan socho’udha.

Preezdaant Saahilawarq Zawdeen hojimaatichi Komiishinii Gamtaa Afrikaa, Afrikaatti Wiirtuu Ittisa Dhukkubaa fi qindoomina idil addunyaatin weeraroota ittisuuf bu’aa qorannoowwan haaraatti dhimma kan aba’u ta’uu ibsan.

Biyyoonni Afrikaa qophii weerara ittisuuf isaan dandeesisu cimsuu, qorannoo ofii isaaniin talaallii oomishuu, lubbuu lammiilee baraaruuf cimsuu fi tumsuuf kan qophaa’e ta’uu ibsameera.

Ministir deettaan Ministeera Fayyaa Dooktar Liyaa Taaddasaan Ityoophiyaan qindoominichatti makamuun weeraroota ittisuuf kan dandeesisu dandeetti qorannoo cimsuun qindoominicharraa fayyadamtu ni taati jedhaniiru.

Biyyoonni Afrikaa %90 ta’an talaalliwwan biyya alaarra galchuun akka fayyadaman ragaan Ministeera Fayyaarraa arganne ni mul’isa.

Comments (0)
Add Comment