Ityoophiyaan biyyoota Afrikaa keessaa wabii midhaan nyaataan of danda’uuf biyya tarkaanfii bal’aa fudhatteedha – Baankiin Misoomaa Afrikaa

Finfinnee, Caamsaa 26, 2014 (FBC) – Ityoophiyaan biyyoota Afrikaa keessaa wabii midhaan nyaataan of danda’uuf biyya tarkaanfii bal’aa fudhatte ta’uu Baankiin Misooma Afrikaa ibse.
Oomishni qamadii Ityoophiyaa meetirik toonii miiliyoona 2.6tti guddachuun bara Faranjootaa 2023tti biyyattiin Keeniyaa fi Jibuuttiitti qamadii erguuf karoora qabaachuu Baankiin Misoomaa Afrikaa beeksiseera.
Ministiroonni biyyoota Afrikaa walga’ii biyyoota gareewwaan 7 (G7) Jarmanitti gaggeeffamaa jirurratti hirmaachaa jiru.
Walga’ii kanarrattis Preezidaantiin Baankii Misooma Afrikaa Dooktar Akiinwuumii Adisiinaa,Ityoophiyaan Baankii Misoomaa Afrikaa waliin teeknooloojiiwwan Qonnaarratti tumsaan hojjechuun oomishaa fi Oomishtummaa dabaluu ishee eeraniiru.
Baankichi Sagantaa Ce’umsa Qonnaa Afrikaatif deeggarsa taasisaa jiraachuu kaasaniiru.
Wayita hanqinni nyaataa mudachaa jirutti, Ityoophiyaan biyyoota Afrikaa keessaa wabii midhaan nyaataan of danda’uuf biyya tarkaanfii bal’aa fudhatteedha jedhaniiru.
Bara Faranjootaa 2018 oomishi qamadii biyyattii lafa hektaara kuma 50 iirra ture barana gara hektaara kuma dhibba 400’tti guddachuu dubbataniiru.
Bara dhufus Ityoophiyaan oomisha qamadii gara hektaara kuma dhibba 6 fi kuma 50’tti guddisuuf ta’uu kaasaniiru.
Dabalataanis Oomisha qamadii toonii miliyoona 2.6 akka galchituu fi bara dhufus karoora gara Keeniyaa fi Jibuutiitti erguu akka qabdu walga’ii kanarratti kaasaniiru.
Baankiin Misooma Afrikaa karoora invastimantii Doolaara biiliyoona 1.3 qabaachuu eeranii, hanqina faayinaansii Doolaaraa miiliyoona dhibba 2 ammoo biyyootaa gareewwan torbaarraa deeggarsaan gaafataniiru.
Baankichi yeroo ammaa sababa waraana Raashiyaa fi Yukreeniin hanqinni nyaataa toonii miiliyoona 30 Afrikaa mudachuu kaasuun, karooraa oomishaa nyaataa hatattamaatiin qonnaan bultootaa qabiyyee gadi aanaa qabaniif deeggarsa Doolaaraa biiliyoona 1.5 taasisaa jirachuu himaniiru.
Fuula Feesbuukii keenyaan dabalataa odeeffannoo waqtaawaa argachuuf;
Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR
Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa
Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.
Comments (0)
Add Comment