Ityoophiyaan bishaan lafa jalaa misooma Jaallisiif oolu meetir kiyuubii biiliyoona 23 qabachuun ibsame

Finfinnee, Bitootessa 19 ,2015 (FBC)- Ityoophiyaan bishaan lafa jalaa misooma jaallisiif ooluu meetir kiyuubii biiliyoona 23 kan qabdu ta’uu Inistiitiyuutiin Tiraanisfoormeeshinii Qonnaa beeksiseera.
 
Hojii Raawwachisaa Olaanaan Inistiitiyuutii Tiraanisfoormeshinii Qonna Ityoophiyaa Dooktar Maandafroo Nuguuseen, diinaagdee qonna roobaa irratti hirkate irraa bilisaa ta’ee ijaaruuf hojjetamaa jiraachuu dubbataniiru.
 
Rooba eeguun waggaatti yeroo tokko oomishuurraa darbee waggaatti yeroo sadii oomishuu irra gahamuu ibsaniiru.
 
Misooma jallisii milkeessuuf gahee olaanaa bahachaa kan jiru bishaan irra lafaa malee bishaan lafa jalaa fageenya meetira 30 gaditti argamu adda bafamuu kaasaaniiru.
 
Haaluma kanaan gadi fageenyaa xiqqoon hojiiraa ooluu kan danda’uu bishaan lafa jala meetir kiyuubii biiliyoonni 23 jiraachuun mirkannaa’uu TOI gabaaseera.
 
#Oromiyaa #Ityoophiyaa
 
Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataan argachuuf;
 
Teelegiraama https://t.me/afanoromofana
 
Yuutiyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR
 
Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo
 
Tiwiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa
 
Feesbuukii:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/
 
Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.
Comments (0)
Add Comment