Ityoophiyaan biqiltuun biiliyoonan akka dhaabamu fakkeenya ta’aa jirti – Fooramii Diinagdee Addunyaa

Finfinnee, Waxabajjii 5, 2012 (FBC) – Ityoophiyaan biqiltuun biiliyoonan lakkaa’amu akka dhaabamu biyyootaf adda duree ta’aa jirti jedhe Fooramiin Diinagdee Addunyaa.
 
Ityoophiyaatti karoorri dhaabbii biqiltuu misooma magariisaa biiliyoona 5 baranaa Caamsaa 28, 2012 jalqabamuun ni yaadatama.
 
Ityoophiyaan waggoottan shantamman darbanitti haguuggii bosonaa %98 dhabdeetti.
 
Kana bakka buusuufis 2011 guyyaa tokkotti biqiltuu miiliyoona dhibba 3 fi miiliyoona 50 dhaabdetti.
 
Akkaatuma kanaan Paakistaan, Hindii fi Chaayinaan tarkaanfii walfakkaataa akka fudhatan taasiseera jedhe Fooramiin Diinagdee Addunyaa.
 
Akka ragaan muul’isutti waggaa waggaadhan bosonni heektaarri miiliyoonni 18 ni manca’a.
 
Madaala qabeenya qilleensatiif gumaacha sadarkaa lammaffaa kan qabuu fi kaarboonii addunyaa giiggaa toonii 21 kan qabate naannoon mudhiin lafaas bosona ciruu itti fufeera.
 
Bosona ciruun haala kanaan itti fufnaan, waggoottan 25 itti aanan sanyiin addunyaa kanaa kumni 28 baduu akka danda’u fooramichi beeksiseera.
 
Misooma magariisaa baranaatin naannon Oromiyaa biqiltuu biiliyoona 3.5 dhaabuuf qophii taasisaa jira.
Ganna bara darbe 2011 sochii misooma magariisaa hojjetameen naannon Oromiyaa biqiltuu biiliyoona 2 ol dhaabuu danda’eera.
Dhaabbii biqiltuu baranaatif naannichatti lafti heektaarri miiliyoona 1tti siqu eegumsa biyyoo fi bishaanitiif adda baafameera.
 
Karooricha milkeessuuf muummee ministiraa Dooktar Abiy Ahimad kaleessa preezdaantota nananolee waliin biqiltuu dhaabaniiru.
 
Odeeffannoo waqtaawaa argachuuf Teelegraama keenya https://t.me/afanoromofana subiskiraayib godhaa.
Filatamoo
Comments (0)
Add Comment