Ityoophiyaan Bara Haaraa Simatte

Finfinnee, Fulbaana 1, 2015 (FBC) –Ityoophiyaan Bara Haaraa 2015 Simatte.

Ayyaana bara haaraa sababeeffachuun har’a barii sa’aatii 12: 00 irratti Madfiin yeroo 21 dhukaafameera.

Muummeen Ministiraa FDRI Abiy Ahimad ayyaana bara haaraa sababeeffachuun ergaa baga geessanii dabarsaniiru.

Barri moofaan bara haaraan wayita bakka bu’u, boqonnaan moofaan cufamee boqonnaa haaraan ifa ba’uuf jedhu, yeroo bara dhufu simachuuf qophoofnu qalbiin keenya waan darbe yaadachaa fi egeree abdii haaraa keessummeessun hin oolu jedhan.

Baricha yeroo gaggeessinu yaadannoowwan hedduun gaarii ta’anii fi taatewwanniin guutamee muudate jedhan.

Bara haaraas wayita simannu abdiin keenya akka ilillii birraa daraaree, firii gaarii buusuu akka agarru, kanneen nageenya keenya booreessanirraa akka qulqulloofnu, barri dukkanaa darbee ifti ba’u akka ta’uu ni amanna jedhan.

Amantaan kun akka milkaa’u nutis bara haaraa waliin jijjiiramuutu nurraa eegama.

Yoo hin jijjiiramne, yaadni moofaan yoo hin gatanne, barri tokko darbee barri biraa yoo dhufe jijjiiramni yeroo lakkoofsa qofa ta’uu danda’a jedhan ergaa isaaniin.

Barri jijjiiramuun waan hinhafnee ta’us, bara jijjiiruun hojii goototaati.

Hojii haaraadhaan barichi haaraa akka ta’u hawwii qaban ibsaniiru.

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbook:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

Comments (0)
Add Comment