Finfinnee, Waxabajjii 21, 2013 (FBC) – Fedhii Zayita Nyaataa Ityoophiyaa oomisha biyya keessaan uwwisuun haala danda’amuu fi hanqinoota muudatanirratti mariin taasiifamaa jira.
Waltajjii marii kanarratti Ministira Ministeera Qonnaa obbo Umar Huseenii fi Ministirri Ministeera Daldalaa fi Indaastirii obbo Malaakuu Allebal dabalatee hoggantoonni mootummaa olaanoo fi Indaastiriiwwan oomisha Zayita Nyaataa biyya keessaa argamaniiru.
Fooyya’iinsa hojii Diindadee biyya keessarratti xiyyeeffannoon hojjetamaa jiraachuu obbo Malaakuu Allebal ibsaniiru.
Bara 2014 Ityophiyaan oomisha Zayita nyaataa Meetirik Toonii miiliyoona dhibba 9 fi miiliyoona 6 ni qabaatti jedhamee kan eeggamu ta’uu dubbataniiru.
Oomishtoonni biyyaa keessaa Zayita Nyaataa Meetirik Toonii biiliyoona 1.25 oomishuuf dandeettii qabaachuu eeraniiru.
Qaamoleen kunneen humna guutuun gara hojiitti akka hin galle wantoota gufuu ta’an furuuf hojjetamaa jiraachuu himaniiru.
Ityoophiyaatti Indaastiriiwwan oomisha Zayitaa 232 jiran keessaa 26 giduugaleessaa fi oolaanoo yoo ta’an, 206 Indaastiriiwwan xixiqqaa ta’uu himameera.
Afawarq Iyyaayyuu fi Tizzitaa Dassaalenyi tu gabaase.
Feesbuukii keenyan dabalata odeeffannoo waqtaawaa argachuuf;
Teelegraamahttps://t.me/afanoromofana
Yuutyuubiihttps://www.youtube.com/c/fanabroadcastingcorporate/
Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo
Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa
Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.