Ityoophiyaan badhaasa jijjiirrama qabeenya qilleensaaf misooma magariisummaan kaadhimamte

Finfinnee, Gurraandhala 18, 2012 (FBC) – Ityoophiyaan bara Faranjootaa 2019 duula misooma gariisummaan biqiltuu biiliyoona 4 dhaabuu isheen jijjiirrama qabeenya qilleensaa biyyaaleessan kadhimamtuu taate.
 
Badhaasichi jijjiirrama qabeenya qilleensaa ittisuurratti qaamoolee shoora olaanaa ba’aniif beekkamtii laachuu ta’uu Biriitaaniiyaatti Imbaasiin Ityoophiyaa beeksiseera.
 
Ityoophiyaan miira biyyoota biroo kakaafte jechuun tarree kaadhimamtootaa keessa galuu isheetu ibsame.
 
Haaluma kanaan Waldaa Hojii Gamtaa Nigooliiyaagoorbuu Kookoowaa Seeraaliyoonii fi Giddugala Magariisummaa Joosii Naayjeeriyaa waliin badhaasa kanaaf kaadhimamteerti.
 
Badhaasichi qaamoolee dhuunfaa, dhaabbilee, manneen barnootaa fi miseensoota paarlaamaa misooma magariisummaarratti hojjetan kan hammatuudha jedhame.
 
Moo’attoonni abbootii murtii walabaan kan filataman yoo ta’u, sirna Landanitti gaggeeffamuun beekkama jedhameera.
 
Badhaasni maqaa ‘Green heert heeroo awwaard’ jedhamuun beekkamu kun dhiibbaa jijjiirrama qabeenya qilleensaan dhufu hir’isuuf qaamoolee hojjetan eeruu ummataa bu’ura godhachuun kan kennamuudha.
Comments (0)
Add Comment