Finfinnee, Sadaasa 15, 2014 (FBC) – Ityoophiyaan ‘badde diigamte’ yeroo jedhan tokkummaa dhagaarra jabaatu ijaarrattee jiraatti jedhan Ministirri Ministeera Hojii fi Kalaqaa Aadde Muufariyaat Kaamiil.
Ityoophiyaan biyya daba ergamtoota keessaa fi diinota alaan sakaalamtee kuftu akka hin taane hubatamuu qaba jedhan.
Ityoophiyaan kufte, badde, bittinnoofte osoo jedhanuu tokkummaa dhagaarra jabaatu hundeessitee dhaabbattee firii kan laattu jedhan.
Ityoophiyaan biyya bilisa turte, bilisa taate, sodatamtee fi kabajatee jiraattu ta’uu aadde Muufariyaat ibsaniiru.
kana dhugoomsuuf tokkummaa keenya jabeessinee eeguu, sochiilee bakka bakkatti mudatan dammaqinaan hordofuu, yaadota qoqqoodiinsaa fi ajandaawwan sobaarraa of eeguu qabna jedhan ergaa gama miidiyaa hawaasummaa isaaniin dabarsaniin.
Naannoo keessan eegaa!
Gara adda waraanaatti duulaa!
Raayyaa Ittisa Biyyaa deeggaraa!
Fuula Feesbuukii keenyan dabalata odeeffannoo waqtaawaa argachuuf;
Teelegraama https://t.me/afanoromofana
Yuutyuubii https://www.youtube.com/c/fanabroadcastingcorporate/
Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo
Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa
Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.