Ityoophiyaan Baankii Addunyaarraa deeggarsa Doolaara miiliyoona 210 argatte

Finfinnee, Caamsaa 30, 2014 (FBC) – Ityoophiyaan Baankii addunyaarraa deeggarsa Doolaara miiliyoonaa dhibba 2 fi miiliyoona 10 argachuu ibsame.

Deeggarsichis naannawaa hanqina roobaa qabanitti proojektii babal’ina bishaan lafa jalaa misoomsuun saaniteeshiniifi misooma jallisiif oolchuuf kan qophaa’edha jedhameera.

Proojektiiwwan kunneen Ministeeraa jallisii fi Nannawaa Gammoojiiitiin waggoottan shan keessatti kan hojiirra oolaan yoo ta’u, lammiilee biyyattii nannawaa gammoojjii jiraataan fayyadamoo taasisaa jedhameera.

Hooggantoonii fi ogeeyyiin ministeerichaa jila baankii addunyaa waliin wayita mari’atanitti, deeggarsi maallaqichaa Ministeeraa Maallaqaan ergaa mallattaa’ee fi Mana Maree Bakka Bu’oota Uummataan ergaa ragga’een booda kan hojiirra ooluudha jedhameera.

Proojektiiwwan kunnenn biyyoota Afrikaa Bahaa keessatti naannawaa bishaan lafa jalaa baay’inaan argamutti, hanqinni  roobaa jiruu fi naannawaa gammoojjiitti baankii  addunyaan ijaaraman ta’uu ragaan ministeericharraa  argame ni mul’isa.

Fuula Feesbuukii keenyaan odeeffannoo waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

Comments (0)
Add Comment