Ityoophiyaan anniisaa elektirikii %90 madda faalamarraa walabaarraa argatti-Obbo Ahimad Shidee

Finfinnee, Adoolessa 27, 2014 (FBC) – Ityoophiyaan anniisaa elektirikii %90 madda magariisaa fi faalamarraa walabaarraa argatti jedhan Ministirri Ministeera Maallaqaa Obbo Ahimad Shideen.

Faalama qabeenya qilleensaa Afriikaa hir’isuuf deeggarsa faayinaansii fi yaa’iinsa invastimantii cimsuuf kan kaayyeffate waltajjiin mariin inisheetiivii qabeenya qilleensaa naannawaa Afriikaa Finfinneetti gaggeeffamaa eegaleera.

Walga’icharratti ministiroonni maallaqaa fi daldalaa akkasumaas qaamoleen qoodaa fudhattootaa biyyoota Afrikaa hirmaataa jiru jedhameera.

Waltajjicharratti Ministirri Ministeera Maallaqaa Obbo Ahimad Shideen, Hidha Guddicha Haaromsa Ityoophiyaa kan anniisaa elektirikii biyyootaa ollaaf dhiyeessuuf dandeessisu dabalatee Ityoophiyaan annisaa elektirikii %90 madda magariisaa fi faalamarraa walaba ta’erraa argatti jedhan.

Dandeettii inarjii olaanaa maddisiisuu dandeessisu utuu qabduu biyyoota Gammoojjii Sahaaraa gadii keessaa Ityoophiyaan biyya hanqina dhiyeessii annisaa olaanaa biyya qabduudha jedhaniiru.

Dabalataan, lammiileen hangam akka dhiibba jijjiirama qabeenya qilleensaaf saaxilamaa jiran ibsuun, biyyoonni guddatan gaazii faalaa hir’isuuf waadaa seenan qabatamaatti jijjiiruu fi deeggarsa faayinsii taasisu qabu jedhaniiru.

Koonfiraansiin Jijjiirama Qabeenya Qilleensaa Dhaabbata Mootummoota Gamtoomaanii 27ffaan (COP27) Sadaasa 2015 dursummaa Ijibtiin Shaarmi Eel Sheekitti akka gaggeeffamu ragaan Ministeera Dhimma Alaarraa argame ni mul’isa.

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbook:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna

Comments (0)
Add Comment