Ityoophiyaan Akkaadaamii farra shororkeessummaa idil addunyaaf deeggarsa taasiisuuf qophiidha – Ministeera Dhimma Alaa

Finfinnee, Adoolessa 6, 2014 (FBC) – Ityoophiyaan Akkaadaamii farra shororkeessummaa idil addunyaaf deeggarsa cimaa kan taasiiftu ta’uu fi Akkaadaamicha waliin tumsaan kan hojjettu ta’uu Ministir Deetaan Ministeera Dhimma Alaa Ambaasaaddar Tasfaayee Yilmaan ibsaniiru.

Yaa’iin deeggarsaa fi gumaacha Akkaadaamii farra shororkeessummaa Paarisitti gaggeeffameera

Ityoophiyaan Akkaadaamicha waliin hojjechuu fi tumsuuf qophii ta’uu Ambaasaaddar Tasfaayeen haasawa Interneetiin yaa’icharratti taasiisaniin himaniiru.

Biyyattiin shororkeessummaa waraanuuf ejjennoo cimaa qabaachuu eeruun, Afrikaa Bahaatti Shororkeessummaa ittisuu fi nageenya eegsisuuf wareegama olaanaa kaffaluu ishee dubbataniiru.

Afrikaatti gochaan Shororkeessummaa dabalaa dhufuu hubachuun Dhaabbileen deeggartootaa idil addunyaa, mootummoonni, Gamtaan Afrikaa fi caasaaleen nageenyaa qindoominaan hojjechuu akka qaban Ambaasaaddar Tasfaayeen hubachiisaniiru.

Yaa’icharratti ministiroonni , deetaawwan, Ambaasaaddaroonnii fi qondaaltoonni waraanaa olaanoon biyyoota garaagaraa hirmaachuu ragaan Faransaayitti Imbaasii Ityoophiyaarraa argame ni mul’isa.

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbook:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

Comments (0)
Add Comment