Ityoophiyaan agarsiisa ‘’Eyiir Eroozhiyaa’’ Magaalaa Antaaliyatti qophaa’urratti akka hirmaattuuf affeerraan dhiyaateef

Finfinnee, Bitootessa 24, 2014 (FBC)- Ityoophiyaan agarsiisa ‘’Eyiir Eroozhiyaa’’ Turkii Magaalaa Antaaliyatti qophaa’urratti akka hirmaattuuf affeerraan dhiyaateefiira..

Turkiitti Ambaasaaddarri Ityoophiyaa Adam Mohaammad Hogganaa agarsiisa ‘’Eyiir Eroozhiyaa’’ Haakaan Kurtiin waajjira isaaniitti simaachuun waliin mari’ataniiru.

Marii isaaniinis damee Aaveeshiniin hariiroo biyyoota lameen gidduu jiru cimsuuf dhimmoota dandeessisan irratti kan mari’atan yoo ta’u,Akka lakkoofsa Awurooppaatti Sadaasaa 16 -20, 2022’tti Agarsiisa ‘’Eyiir Eroozhiyaa’’ Turkii Magaalaa Antaaliyaatti qophaa’urratti Ityoophiyaan akka hirmaattuuf affeerraan dhiyaachuusaa ragaan Ministeera Dhimma Alaarraa argame ni muul’isa.

Ityoophiyaa :- Haa Misoomsinu, Haa Ijaarru, Haa qophoofnu!!!

Fuula Feesbuukii keenyaan odeeffannoo waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

Comments (0)
Add Comment