Ityoophiyaan Afrika keessaa biyyoota invastimantii alaaf filataman keessa tokko taate

Finfinnee, Waxabajjii 9, 2014 (FBC) – Dhabbataanni Mootummoota Gamtoomanii biyyoota Afrikaa invastimantii alaaf filatamoo shan keessaa Ityoophiyaan tokko ta’uu eere.

Dhaabbanni Mootummoota Gamtoomanii guddinaa fi daldala biyyootaa ilaalchisuun koonfiraansii qopheesseerratti gabaasa invastimantii idil addunyaa yeroo ammaa bu’uureffachuun bara faranjootaa 2021’tti Afriikaa keessaa, biyyoota invastimantii alaaf filataman shan keessa Ityoophiyaan tokko ta’uu eereera.

Ityoophiyaan bara faranjootaa 2021’tti invastimantii alaan Doolaaraa biiliyoona 4.3 sochoosuu fi kunis kan bara 2020 waliin yoo madaalamu %79 guddina argisiisuu ragaan Ministeera Dhimma Alaarraa argame ni mul’isa.

Ityoophiyaan bara 2021tti, waggatti waliigalaan invastimantii alaan kan biyyoonni Baha Afrikaa sochoosan walakkaan akka caaltu eerameera.

Feesbuukii keenyaan odeeffannoo waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

Comments (0)
Add Comment