Finfinnee, Eebla 25, 2015(FBC)- Ityoophiyaafi Turki hariiroo qaban darana cimsuuf waliigaluu ibsame.
Ministir Deetaan Ministeera Dhimma Alaa Ambaasaaddar Misgaanuu Argaan Ittaanaa Ministira Dhimma Alaa Turkii Buraak Akpaar waliin mari’ataniiru.
Biyyoonni lameen hariiroo dippiloomaasii cimaa waggoota 127’f ture kan qaban ta’uu kan kaasan anga’oonni lameen michummaa kana damee daldalaafi invastimantiin cimsuuf waliigaluu eerameera.
Ambaasaaddar Misgaanuu Argaan hojiirra oolmaa waliigaltee nageenyaa Piriitooriyaarratti gitasaaniif ibsa taasisuu kan eerame yoo ta’u hawaasni idil addunyaa keessumaa Turki deeggarsa akka taasistu waamicha dhiyeessaniiru.
Ittaanaan Muummee Ministiraa Turki Buraak Akpaar tattaaffii mootummaan nageenyaaf taasisu dinqisiifachuun hawaasni daldalaa Turki Ityoophiyaatti bobba’uu kan barbaadan ta’uu kaasaniiru.
#Oromiyaa #Ityoophiyaa
Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;
Teelegraama https://t.me/afanoromofana
Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR
Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo
Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa
Feesbook:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/
Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.