Ityoophiyaafi Turki  Carraa hojii uumuufi teekinooloojiirratti walta’iinsa cimaa qabu jedhame

Finfinnee, Hagayya 27, 2014(FBC)- Walta’iinsi Ityoophiyaafi Turki  gama Carraa hojii uumuufi ce’umsa  teekinooloojiin  qaban cimaa ta’uu ibsame.

Hojii Raawwachiisaa Olaanaan Korporeshinii Misooma Paarkiiwwan Indaastirii obbo Saandookaan Dabbabaan Ityoophiyaatti Ambaasaaddara Turki Yaapiraak Alp waliin filannoowwan invastimantii fi ce’umsa teekinooloojii paarkii Indaastirii Dirree Dawaa irratti mari’ataniiru.

Abbootiin qabeenyaa Turki paarkiiwwan indaastirii Ityoophiyaa keessatti carraa hojii uumuuniifi ce’umsa teekinooloojii saffisiisuun ga’ee olaanaa ba’achaa jiraachuu obbo Saandookan ibsaniiru.

Naannawaa daldala bilisaarratti Turki muuxannoo yeroo dheeraa waan qabduuf muuxannooshee Ityoophiyaa keessatti babl’isuun damichaan hojii fooyya’aa hojjechuu dabalataan abbootiin qabeenyaa biyyattii qooda keessatti fudhachuu haala danda’anirratti hojjetamaa jiraachuu dubbataniiru.

Ityoophiyaatti Ambaasaaddarri Turki Yaapiraak Alp gamasaaniin, Turkiifi Ityoophiyaan aadaan, seenaafi siyaasaan hariiroo cimaa qabaachuu kaasaniiru.

Hariiroo biyyoota lameenii cimsanii itti fufsiisuuf xiyyeeffannoon kennamee hojjetamaa jiraachuu ibsuu ragaan korporeeshinicharraa argame ni mul’isa.

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbook:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

Comments (0)
Add Comment