Ityoophiyaafi Sudaan Kibbaa haala yakka waliin ittisuu danda’an irratti mari’atan

Finfinnee, Adoolessa 26,2014 (F)- Ityoophiyaafi Sudaan Kibbaa haala yakka waloon ittisuu fi odeeffannoo nageenyaa wal jijjiiruu danda’aniirratti mari’atan.

Jilli gorsaa Dhimmoota Nageenyaa Biyyaalessaa Muummee Ministeeraa Ambaasaaddar Reedwaan Huseeniin durfamu pirezidaantii Sudaan Kibbaa Saalvaa kir  Maayaardiit waliin mari’ateera.

Jilichi dhimmoota gam-lameerratti pirezidaanticha waliin mari’achuu Ambaasaaddar Reedwan ergaa gama miidiyaa hawaasummaa isaaniin dabarsaniin ifoomsaniiru.

Dabalataanis haala biyyoonni lameen yakkoota waloon ittisuu danda’an, walta’iinsa cimsuu fi odeeffannoo nageenyaa waljijjiiruu danda’an irratti mar’achuu kaasaniiru.

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbook:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

Comments (0)
Add Comment