Ityoophiyaafi Saa’ud Arabiyaan hariiroo poolisii cimsuuf waliigalan

Finfinnee, Mudde 6, 2015(FBC)- Ityoophiyaafi Saa’ud Arabiyaan hariiroo poolisii qaban cimsuuf waliigaluu ibsame.

Komishinarri Komishinii Poolisii Federaalaa Jeneraal Dammallaash Gabramikaa’el Ityoophiyaatti Ambaasaaddara Saa’ud Arabiyaa Dooktar Fuuhaad Oobaayidullaahii Al-Humayidaanii waliin mari’atan.

Daddabarsa namootaa seeraan alaafi shororkeessummaa ittisuuf akkasumas hariiroo poolisii biyyoota lameenii cimsuun waliin hojjechuuf waliigaluu eerameera.

Dooktar Fuuhaad Oobaayidullaahii Al-Humayidaaniin gamasaaniin, Gurmaa’iinsa To’annoo Daangaarraa Poolisii Federaalaa Ityoophiyaa loojistikiifi ijaarsa dandeettiin deeggaruuf waadaa seenuu ragaan Poolisii Federaalaarraa argame ni mul’isa.

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Feesbook:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

Comments (0)
Add Comment