Ityoophiyaafi Paakistaan waliigaltee daldalaa gam-lamee waliif mallatteessan

Finfinnee, Guraandhala 7, 2015 (FBC)- Ityoophiyaafi Paakistaan waliigaltee daldalaa gam-lamee waliif mallatteessuu ibsame.

Ministir Deetaan Ministeera Daldalaafi Walitti Hidhamiinsa Naannawaa Obbo Kaasaahuun Gofeen ergaa gama miidiyaa hawaasummaasaaniin dabarsaniin, Paakistaan waliin waliigaltee daldalaa gamlamee mallatteessuu eeraniiru.

Waliigaltichi galii daldala al-ergii kan dabalu ta’uufi mariin waliigaltee daldalaa biyyoota biroo waliin eegalame cimee kan itti fufu ta’uu kaasaniiru.

#Ityoophiyaa

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbook:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

Comments (0)
Add Comment