Ityoophiyaafi Naamiibiyaan dhimmoota nageenyaarratti waliin hojjechuuf waliigalan

Finfinnee, Guraandhala 7, 2015(FBC)- Ityoophiyaafi Naamiibiyaan dhimmoota nageenyaarratti waliin hojjechuuf waliigaltee waliif mallatteessan.

Waliigalticha Ministirri Ministeera Raayyaa Ittisa Biyyaa FDRI Dooktar Abrahaam Balaayiifi Ittaanaan Muummee Ministiraafi Ministirri Ministeera Hariiroofi Tumsa Idil Addunyaa Naamiibiyaa Neetuumboo Naandiin mallatteessaniiru.

Dooktar Abrahaam Balaay biyyoonni lameen walitti hidhamiinsa diimokiraasii waggoottaniif ture qabaachuu yaadachiisuun, waliigaltee hariiroo Raayyaa Ittisaa Biyyaafi tasgabbii biyyoota lameen gidduu jiru daran cimsuurratti kaayyeffate mallatteessuu ibsaniiru.

Waliigaltichi leenjii ijaarsa dandeettii loltummaa humna qilleensarraa, humna galaanarraafi dameewwan biroorratti gaggeessuuf dandeessisu waliif mallatteessuu eeraniiru.

Neetuumboo Naandiin gamasaaniin, biyyoonni lameen damichaan leenjiin, daandii qilleensaan, tumsa diinagdeen akkasumas dameewwan aadaan waliin hojjechuuf waliif galuu kaasaniiru.

Waliigaltichi Ityoophiyaafi Naamiibiyaa gidduutti tumsa cimaa uumuuf bu’uura kan kaa’u ta’uu ibsuusaanii TOI gabaaseera.

#Ityoophiyaa

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbook:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

Comments (0)
Add Comment