Finfinnee, Eebla 30 , 2015(FBC)- Ityoophiyaafi Maaltaan dameewwan Aviiyeeshinii, Tuurizimiifi leenjii dippiloomaasiin tumsaan hojjechuuf waliigaltee waliif mallatteessaniiru.
Ittaanaan Muummee Ministiraafi Ministirri Ministeera Dhimma Alaa Obbo Dammaqaa Mokonnin Ministira Ministeera Dhimma Alaafi Daldalaa Riippaabiliika Maaltaa Iyaan Boorg waliin mari’ataniiru.
Deeggarsa dippiloomaasii biyyattiin waggoottan lamaan darbanitti Ityoophiyaaf taasisteefi waggaa darbe Embaasii ishee Finfinneetti banuun waan tumsa taasifteef obbo Dammaqaan galateeffataniiru.
Maaltaan miseensa jijjiirraa Mana Maree Nageenyaa Dhaabbata Mootummoota Gamtoomanii ta’uu yaadachiisuun, turtii isheen hojii faayidaa Ityoophiyaafi Afrikaa kabachiise hojjechuuf qophii ta’uu Ministirri Ministeera Dhimma Alaafi Daldalaa biyyattii Iyaan Barg mirkaneessuu Obbo Dammaqaan eeraniiru.
Ministirri Ministeera Dhimma Alaafi Daldalaa Maaltaa Iyaan Barg gamasaaniin, Ityoophiyaan biyya gaanfa Afrikaarratti gahee guddaa qabdi ta’uu kaasuun, daawwannaa isaanii jalqabaa Ityoophiyaatti taasisuu ibsaniiru.
Hojiirra oolmaan waliigaltee nageenyaa Piriitooriyaa haala gaariin kan ilaalamu ta’uu ibsuun, Gamtaan Awurooppaa Ityoophiyaaf deeggarsa barbaachisaa taasisuu akka qabu kaasaniiru.
Biyyisaanii hariiroo Ityoophiyaa waliin qabdu gara sadarkaa olaanaatti ceesisuuf waliigalteerra gahamuun tumsi Ityoophiyaafi Maaltaa daran akka guddatuuf bu’uura ta’uu dubbataniiru.
Waliigaltichi muuxannoo gaarii biyyattiin dameewwan Aveeshinii, Barnootaafi leenjii dippiloomaasiin qabdu qooduuf carraa gaarii kan uumu ta’uu ibsaniiru.
#Oromiyaa #Ityoophiyaa
Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataan argachuuf;
Teelegiraama https://t.me/afanoromofana
Yuutiyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR
Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo
Tiwiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa
Feesbuukii:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/
Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.