Ityoophiyaafi Komishiniin Godaantotaa DhMG dhimmoota waliin hojjetanirratti waliigalan

Finfinnee, Guraandhala 1, 2015(FBC)- Ityoophiyaafi Komishiniin Godaantotaa Dhaabbata Mootummoota Gamtoomanii godaantotaafi buqqaatota Iyoophiyaa keessatti argaman ilaalchisee qindoominaan hojjechuuf waliigalan.

Ittaanaan Muummee Ministiraafi Ministirri Ministeera Dhimma Alaa Obbo Dammaqaa Makonnin Komishinara Olaanaa Komishinii Godaansaa Dhaabbata Mootummoota Gamtoomanii Filiippoo Giraandi waliin mari’ataniiru.

Daawwannaa Filiippoo Giraandiin Iyoophiyaatti taasisan kan yeroosaa eeggateefi barbaachisaa ta’uu obbo Dammaqaan ibsaniiru.

Komishinichi deeggarsa taasisu cimsee akka itti fufu gaafataniiru.

Filiippoo Giiraandi gamasaaniin, akkaataa qabiinsa godaantotaa Ityoophiyaa dinqisiifachuun komishinichi deeggarsa taasisu cimsee kan itti fufu ta’uu eeraniiru.

Obbo Dammaqaa Makonnin Fooramii Godaantotaa 2023 irratti akka hirmaataniif jedhamuu ragaan Ministeera Dhimma Alaarraa argame ni mul’isa.

#Ityoophiyaa #Ethiopia

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbook:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

Comments (0)
Add Comment