Ityoophiyaafi Kolombiyaan hariiroo dippiloomaasii isaanii cimsuuf waliigalan

Finfinnee, Caamsaa 9, 2015(FBC)- Ityoophiyaafi Kolombiyaan hariiroo dippiloomaasii isaanii cimsuuf waliigaluun ibsame.

Biyyoonni lameen marii siyaasaafi dameewwan tumsaa garaagaraarratti waliin hojjechuuf waliigaltee waliif mallatteessaniiru.

Biyyoonni lameen hariiroo dippiloomaasii isaanii cimsuuf waliigaluus eerameera.

Ittaanaan Muummee Ministiraafi Ministirri Ministeera Dhimma Alaa Obbo Dammaqaa Makonnin Ittaantuu Pireezidaantii Riippaabiliika Kolombiyaa Firaansiiyaa Ileenaa waliin mari’ataniiru.

Kolombiyaan waggoottan 50 booda Embaasii ishee irra deebiin Ityoophiyaatti banuuf murteessuu ishee Obbo Dammaqaan dinqisiifachuu eerameera.

Ityoophiyaan yeroo ittaanutti dameewwan daldalaa, invastimantii, tuurizimii, aveeyshiniifi teekinooloojiirratti Kolombiyaa waliin tumsaan hojjechuuf fedhii qabaachuu ibsaniiru.

Kolombiyaan waggaa dhufu teessoo miseensa sochootuu Mana Maree Mirga Namoomaa Dhaabbata Mootummoota Gamtoomanii argachuuf gaaffii dhiyeessuu yaadachiisuun, kunis dhimmoota naannawaafi shororkeessummaa ittisuurratti biyyoonni lameen waloon akka hojjetaniif kan gargaaru ta’uu eeraniiru.

Ittaantuu Pireezidaantii Riippaabiliika Kolombiyaa Firaansiiyaa Ileenaan, Dhiibbaa Ityoophiyaan Afrikaafi naannawaasheerratti qabdu Kolombiyaan embaasiishee irra deebiin Ityoophiyaatti akka bantuuf sababa ta’uu eeruun, murtichi hariiroo biyyoota lameenii gara sadarkaa olaanaatti ceesisuuf kan kaayyeffate ta’uu ibsaniiru.

Gara fuuladuraattis dhimmoota naannawaa, ardiifi damee hundarratti Ityoophiyaa waliin tumsaan hojjechuuf qophii ta’uu mirkaneessuusaanii ragaan Ministeera Dhimma Alaarraa argame ni mul’isa.

Muuxannoo teekinooloojii bunaa biyyattiin ittiin waltajjii addunyaarratti ittiin beekamtu Ityoophiyaaf kan qoodduu ta’uus addeessaniiru.

#Oromiyaa #Ityoophiyaa

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataan argachuuf;

Teelegiraama https://t.me/afanoromofana

Yuutiyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Tiwiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbuukii:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

Comments (0)
Add Comment