Ityoophiyaafi Keeniyaan waliigaltee gurgurtaa humna elektrikaa waliif mallatteessan

Finfinnee, Adoolessa 19, 2014 (FBC) – Ityoophiyaafi Keeniyaan waliigaltee gurgurtaa humna elektirikaa guyyaa har’aa waliif mallatteessaniiru.

Waliigalticha Ministir Deetaan Ministeera Maallaqaa Dooktar Iyyoob Takkaallinyiifi Pirezidaantiin Keeniyaa Uhuuruu Keeniyaattaan mallatteessaniiru.

Dooktar Iyyoob waliigalticha ilaalchisuun ergaa gama miidiyaa hawaasummaa isaaniin dabarsaniin, waliigaltichi Ityoophiyaan humna elektirikaa meegaa waattii 200 Keeniyaaf akka dhiyeessitu kan dandeessisu ta’uu kaasaniiru.

Yeroo itti aanutti humna elektirikaa Ityoophiyaan Keeniyaaf dhiyeessitu gara meegaa waattii 400 guddisuuf kan hojjetamu ta’uu ibsaniiru.

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbook:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

Comments (0)
Add Comment