Finfinnee, Caamsaa 8, 2015( FBC)- Ityoophiyaafi Ejensiin Tumsa Idil Addunyaa Kooriyaa(KOICA) waliigaltee deeggarsaa Doolaara miiliyoona 10 waliif mallatteessuu ibsameera.
Deeggarsichi oomishaafi oomishtummaa aannaniifi bu’aalee aannanii guddisuuf kan oolu yoo ta’u, Piroojektichi waggoottan 6 dhufanitti hojiirra kan oolu ta’uu ragaan ministeericharraa argame ni mul’isa.
Piroojektichi sona dabaluun qonnaan bultoota damicharratti hirmaatan fayyadamoo kan taasisuu ta’uufi hojiimaata damichaa ni ammayyeessa jedhameera.
#Oromiyaa #Ityoophiyaa
Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataan argachuuf;
Teelegiraama https://t.me/afanoromofana
Yuutiyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR
Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo
Tiwiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa
Feesbuukii:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/
Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.