Ityoophiyaafi Chaayinaan waliigaltee deeggarsa faayinaansii Birrii biiliyoona 1.22 waliif mallatteessan

Finfinnee, Guraandhala 7, 2015 (FBC)- Ityoophiyaafi Chaayinaan waliigaltee deeggarsa faayinaansii Birrii biiliyoona 1.22 waliif mallatteessuu ibsame.

Deeggarsichi jijjiirraa Daandii Baabura Salphaa magaalaa Finfinneef kan oolu ta’uufi deeggarsichaan meeshaaleen jijjiirraa siistamoota5’f oolan kan ittiin guutamu ta’uu ibsameera.

Waliigaltichi bu’uura waliigaltee tumsa diinagdeefi teekinikaa mootummaa Ityoophiyaafi Chaayinaa gidduutti waggoota lama dura mallatteeffameen mallattaa’uu eerameera.

Waliigalticha Ministirri Ministeera Maallaqaa Ahimad Shiideefi Ityoophiyaatti Ambaasaaddarri Chaayinaa Zaahoo Ziiyuhaan mallatteessuu ragaan Ministeera Maallaqaarraa argame ni mul’isa.

#Ityoophiyaa

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbook:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

Comments (0)
Add Comment