Finfinnee, Waxabajjii 5, 2012 (FBC) – Ityoophiyaa, Sudaanii fi Gibts fayyadamtummaa bishaaniirratti yaada Sudaan dhiyeessiterratti mari’atan.
Sudaan fayyadamtummaa bishaan laga Naayilirratti yaada marii dhiyeessiteetti.
Marichis guyyaa sadaffaaf viidiyoo koonfaransiidhan gaggeeffame.
Ministeerri Bishaan, Jallisii fi Inarjii FDRI akka beeksisetti, marichi hoggantummaa Ityoophiyaatin bakka taajjabdoonni argamanitti guutinsa bishaanii marsaa jalqabaarratti mari’atameera.
Waltajjichaanis fayyadamtummaa bishaanii Ityoophiyaarratti yaada marii Sudaan dhiyeessiterratti mari’atameera.
Ityoophiyaanis marichi bifa walamantaa mirkaneessun fayyadamtummaa waloo dhugoomsuu akka qabu ibsiteetti.
Fayyadamtummaa haqa qabeessa ta’e mirkaneessuuf mariin murteessaa ta’uus dhaamtetti.
Waljijjiirraa sanadootaa fi garaagartee bu’uuraa biyyootii jidduu jiranirratti mariin akka gaggeeffamus waliigalteerra ga’ameera.
Mariin sadee kun booru dura taa’ummaa Sudaanin itti fufuun kan gaggeeffamu ta’a.
Odeeffannoo waqtaawaa argachuuf Teelegraama keenya https://t.me/afanoromofana subiskiraayib godhaa.